Posts

Image
                                            Akkawaaq Jaalataa Oromiyaa bal’oon magariisaafi uumamaan kan badhaate akka taate beekamaadha. Gosoota bineensotaafi beeladootaa, biqiltoota, gaarren, lageen, haroowwaniifi uumamawwan biroos of keessaa qabdi. Oromiyaan magariisaa ta’uusheetiin gosoota biqiltootaafi mukeenii heddumminaan qabdi. Bosona Itoophiyaan qabdu keessaa harki caalaan naannoo kanatti akka argamu qorannooleen ni mirkaneessu. Gosoota mukeenii keessaas kanneen akka Odaa, laaftoo, birbirsa baddeessaa, harbuufi kanneen biroo tarreessuun ni danda’ama. Barreeffama keenya har’aatiinis kabajaafi jaalala Oromoon muka Odaatiif qabuufi Odaan wiirtuu seenaa Oromoo ta’uusaa ilaalchisuun kan kitaaba ‘Sirna Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa’ jiildii 1fa irraa arganne akka gaazexaa keenyaaf ta’utti qindeessinee isin dubbisiisna. Odaan muka lalisaa ta’ee uumamaan biftisaa harbuu yookaan qilxuu fakkaatuudha. Mukti kun yoo ongeen dheeratellee hingogu. Kana malees, uumamaan
Image
                                       BARREESSAAN AKKAWAAQ JAALATAA  FINFINNEE,Waxabajjii 11/2017 AADAA FI SEENAA UMMATA OROMOO Aadaan calaqqisiistuu maalummaa Uummata tokkooti. Uummatni tokko aadaa isaa keessaa saboota birootti, namoota birootti ykn naannoo birootti mul’ata; ibsama, darbees beekama. Dhugaa ifa galeessa ta’e kanaan, aadaa uummatni Oromoo gama hundaan qabu yoo ilaalle, Uummatni Oromoo aadaa hedduu maalummaa isaa ballinaan beeksisuu danda’an qaba. Haalli uumama dachee Oromoo mataan isaa itti fayyadama Aadaa Uummata Oromoo waliin haala walitti hidhata godhachuu malaniin waan uumaman fakkaatu. Aadaan Uummata Oromoo hamilee hawaasichaa waliin kan wal qabate dha. Dinagdeeniifi amantaan Uummatichaallee Aadaadhuma sana keessaan calaqqisu. Aadaawwan Uummatichaa keessaa, Aadaa fuudhaafi heerumaa, Aadaa nyaataa, Aadaa uffannaa, aadaa waaqeffannaafi galateffanna, Aadaa ittiin aangoo walitti kennaniifi dabarsan k.k.f eeruun ni danda’ama. Oromtichi jiruufi jireenya

WAAQEEFFANNAA

Image
      WAAQEFFANNAAN UUMAA KEENYA BY Akkawaaq Jaalataa Waaqeffannaa (Amantii Oromoo), the traditional faith system of the Oromo people, is one version of the monotheistic African Traditional Religion (ATR), where the followers of this faith system do believe in only one Supreme Being. African traditional religion is a term referring to a variety of religious practices of the only ONE African religion, which Oromo believers call Waaqeffannaa (believe in Waaqa, the supreme Being), an indigenous faith system to the continent of Africa. Even though there are different ways of practicing this religion with varieties of rituals, in truth, the different versions of the African religion have got the following commonalities: – Believe in and celebrate a Supreme Being, or a Creator, which is referred to by a myriad of names in various languages as Waaqeffataa Oromo do often say: Waaqa maqaa dhibbaa = God with hundreds of names and Waaqa Afaan dhibbaa = God with hundreds of

GAMTAA BARATTOOTA OROMOO

Image
                              DHAAMSA  DHUMAA                                        By Akkawaaq Jaalataa Oliiqaa                Naqamte, waxabajjii 11/2017 Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa fii obbolummaa qilleensa irraan bakka jirtan maratti isin haa dhaqqabu jedhee nagaa koo gabaabduu kana qilleensa irraan ergan isin biraan gahadhee booddee gara mata duree dubbii kiyyaatti as deebi'ee waan tokkoo fii lama jechuun barbaada.innis egaa akkuma beekamu torbeewwan darban keessa dhimmi oromummaa xureessu marsaalee hawaasaa addaa addaa irratti faca'aa ture ilaalchisee anis akka ilma oromoo tokkootti waan narraa eeggamu karaa Facebook kiyyaa fuula isaa gubbatti barruu tokko kan yeroi ammaa wal falmisiisaa ta'e dhimma eenyummaa oromoo xureessu,xinneessu,arrabsu kan lallabaa wangeelaa paster Suraphe Damissietin Facebook fii Youtube irratti maxxanse ilaalchisuudhan deebii kennuuf anis fuula facebook koo gubbatti barreeffama gabaabduu barreessen ture. Kan

DHUGAAN DHARAA GADI MITI

Image
Barreessan Akkawaaq Jaalataa Oliiqaa                      FINFINNEE waxabajjii 2017 DHUGAAN DHARAA GADI MITI. Akeekni barruu kanaa cuunfaatti waa’ee ummata Oromoo, biyya isaa, aadaa, qaroomina fi seenaa isaa barsiisuu dha.  Akkasumas haala sabni Oromoo kiyyoo bulchiinsa kolonii Abasiiniya jalatti itti jiraatee fi qabsoo inni bilisummaa, dimokraasii, dinagdee fi haqaaf geggeesse irraa ibsa gabaabaa kennuuf. Biyya Biyyi Oromoo Oromiyaa ykn Orom-biyyaa jedhama.  Hiikaan isaa gabaabaatti biyyoo Oromoo jechuu dha. Maqaa Oromiyaa jedhu kana kan  moggaasee dhimma itti bahuun babal’ise Adda Bilisummaa Oromoo ti. Haata’u malee namtichi biyya Jarmanii barsiisaan amantii Kiristaanaa bara 1860 keessa biyya Oromoon Ormaaniyaa jedhee moggaasee ture. Har’a Oromiyaan kutaalee Shawaa, Wallagga, Ilu-abbaabooraa, Jimma, Arsii, Boorana, Wallo, Baale, Harargee, Gujii fi Wambara haammata. Magaalotni gurguddoon akka  Finfinnee (Addis Ababaa- moggaasa Amaaraa), Dirree Dhawaa, Adaamaa ( Naziret m