Barattootni keenya kanneen bu’aa ba’iifi gaaga’ama guddaa keessa dabartanii qorumsa bara kanaa (2017) fudhachuuf qophiitti jirtan baga ittiin isni ga’e. Carraa gaariifi milkii qabeessa isniif hawwina. Egaa Barattootni Oromoo manneen barnootaa garaagaraa guutummaa Oromiyaa keessa jiran keessaa dhiibbaa mootummaa wayyaaneetiin barnoota isaanii irraa ari’amaa, hidhamaafi
hiraarfamaa, ajjeefamaa, biyyaa baqachaa jiraachuun ummata Oromoo maraaf ifaadha. Mootummaan wayyaanee manneen barnootaa bakka qubsuma waraanaa godhachuudhaan barattoota keenyarratti miidhaa qamaafi qor-qalbii geessisaa akka tureefi ittijiru eenyumaafuu ifaadha. Haata’u malee, kanneen gochaa sukkaneessaa mootummaa abbaa irree wayyaanee kanarraa hafuun qorumsaaf qophaa’aa jirtan yeroon isin qabdan gabaabduu waan taateef yaadaafi qalbii keessan garuma barnootaafi qorumsa keessanirra taasiftanii akka milkiidhaan xumurtan nidhaamna. Bifuma kanaan; Qorumsi Kutaa 10ffaa Waxabajjii 1,2017 (Caamsaa 24,2009 ALH)fi Qorumsi Kutaa 12ffaa Waxabajjii 5,2017 (Caamsaa 28,2009 ALH) akka eegalamu baramee jira. Kanaafuu, barsiisotni, barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota Olaanoo, Hojjattootni, walumaagalatti ummatni Oromoo barattoota keenya qorumsaaf qophaa’an cina-dhaabbattanii tumsa barbaachisu akka gootaniif dhaamsa Oromummaa jabeessinee isiniif dabarsina. Barataan Oromoo egeree ummata Oromooti!
Injifannoon ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Gamtaa Barattoota Oromoo (GBO)
Akkawaaq Jaalataa
Caamsaa 18,2017
Injifannoon ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Gamtaa Barattoota Oromoo (GBO)
Akkawaaq Jaalataa
Caamsaa 18,2017
Comments
Post a Comment