GAMTAA BARATTOOTA OROMOO
By Akkawaaq Jaalataa Oliiqaa
Naqamte, waxabajjii 11/2017
Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa fii obbolummaa qilleensa irraan bakka jirtan maratti isin haa dhaqqabu jedhee nagaa koo gabaabduu kana qilleensa irraan ergan isin biraan gahadhee booddee gara mata duree dubbii kiyyaatti as deebi'ee waan tokkoo fii lama jechuun barbaada.innis egaa akkuma beekamu torbeewwan darban keessa dhimmi oromummaa xureessu marsaalee hawaasaa addaa addaa irratti faca'aa ture ilaalchisee anis akka ilma oromoo tokkootti waan narraa eeggamu karaa Facebook kiyyaa fuula isaa gubbatti barruu tokko kan yeroi ammaa wal falmisiisaa ta'e dhimma eenyummaa oromoo xureessu,xinneessu,arrabsu kan lallabaa wangeelaa paster Suraphe Damissietin Facebook fii Youtube irratti maxxanse ilaalchisuudhan deebii kennuuf anis fuula facebook koo gubbatti barreeffama gabaabduu barreessen ture.
Kanuma wajjin wal qabatee namoota baayyee wajjin wal falmaa turuun koo kan beekamu yennaa ta'u mata dureen falmii kiyyaa walumaa galatti Eenyummaan oromoo kabajamuu qaba kan jedhu ture.kana yennaan jedhu eenyummaan oromoo aadaa,seenaa,duudhaa fii mirgi oromoo kan amantii lallabuu fakkeessee oromoo arrabsu xiqqeessu hundi diina oromoo ta'uu isaa jala sararee deeggartoota Suraphelif himaan ture.kana malees anis akkuma nama kamiittii amantii waanan qabuuf amantii koo sirritti nan kabaja nan jaaladh.amantii koo ta'uu isaas sirritti ittan amana garuu amantiin koo amantiidhuma kooti malee eenyummaa koo hin ibsu.kanaaf eenyummaa fii amantiis adda baasnee beekun gaaridha.kana hunda irratti wal falmii dheeraa geggeessaa turre.
Egaa dhimmi wal falmisiisan anaa fii deeggartoota Suraphel Damisie jidduu ture inni guddaan gareen kun amantii malee eenyummaa isaanii kan dagatan fakkaatu.kana yennaan jedhu gaafa lallabaan wangeela isaanii oromoo xureessaa ture kan hin dubbatin gaafa himannaan isa irratti dhiyaate namni hundi goda keessaa yaa'ee duula nurratti labsaa turan.jechoota yeroo sana pasterichi isaanii dubbates dhoksuuf ba'aa bahii guddaa keessa darbanii duula nutti duulaas turaniiru.sanas ta'ee garuu jechoota yeroo sana pasterichi waa'ee dhimma laga horaa fii amantii waaqeffannaa irratti maqaa xureessuu xiqqeessuu fii saba guddaa xinnessuu dubbate keessaa tartiiban yennaan tarreessu
1)Waaqeffataan maalinni
2)Wasan gaallaa
3)Borantichaa fii waaqeffataa jechuun warra amantii hin qabne warra laga kanatti amanu jechuudha jedhee yennaa inni dubbatu warri video isaa dhaggeeffates amantii isaaniif bakka kennuu malee oromummaa isaanitiif quuqama akka hin qabne hunda wal falmii keenya irraa hubbadheera.ani akka nama tokkootti amantii kam irraayyuu rakkoo hin qabu.oromoon hidda oromummaa isaatu tokko malee amantii adda addaa waan qabnuuf amantiin keenya akkuma jirutti ta'ee eenyummaan keenya garuu hunda keenya biratti kabajaa akka argachuu qabu itti himaan ture.garuu jarri isa kana fudhachuuf fedhii tokkollee hin qaban.
Haaluma kanaan wal qabatee waldaan waaqeffannaa oromoo addunyaa fii dargaggoon oromoo warri dhugaan waa hubate pasterichi sirri akka hin taanee fii waan gaarii waan hin hojjatiniif ummata oromoo dhiifama gaafachuu akka qabu dhaamsa isaanii dabarfatanii jennaan warri garee deeggartuu Surafel ta'an kana dubbachuu keessaniif dhumuun keessan hin oolu,namni Surafelin tuqe nama abidda qabate jedhanii Suraafelichi akkuma waan Iyesuus ta'ee tokkotti lallabaa turaniiru.nuti immoo Surafel seexana nama irraa kaasas yoo ta'e seexana nama keessaa baasuf aadaa fii seenaa oromoo arrabsuu jalqabu malee seexanni hin bahu yoo ta'e kun waan wal nudhabsiisu waan ta'eef hafuu qaba jennee falmaa turre.Isaan immoo warri Surafel tuqxan Abiddatti gubachuu keessani jedhanii falmaa turan.nuti immoo lakki Surafel fii waaqayyo waliin hin madaalinaa jennee isaanumayyuu gorsaa turre.
Surafel kuni lallabaa wangeela keessaniiti malee ilma waaqayyoos miti jennee seenaa jallataa isaan baratanis dhugaa jiru itti himnee karaa dhugaatti deebisuus waan guddaa hojjanne.kana yennaan jedhu kootta amantii keenya nu wajjin hordofaa jechuu otuu hin taane amantii isaanii karaa sirrii ta'een akka hubatanii fii sana biratti immoo amantii akka amantiitti oromummaa immoo akka eenyummaatti akka hubataniif tattaaffii goddaa fii bu'aa bahii guddaa isaan waliin dabarsinus isaan seexanuma nama keessaa baasuu fii oromoo arrabsuu Suraafel iyyuu ija dunuuffatanii mormaa turan.
Comments
Post a Comment