Posts

Showing posts from May, 2017

MAGAALOTA OROMIYAA DURII FII HARDHA

Image
Jijjiirama maqaalee magaalota Oromiyaa Afaan Oromoo Irra Gara Afaan Habashaatti Jijjiirame Waliif Dabarsu Facaasi  1. FINFINNEE - Addis Ababa 2. AGAMSA - Markaatoo 3. BADDAA EJERSAA - Ras Kaasaa Sefer 4. BAAROO KORMAA - Xuqur Anbassaa 5. BIRBIRSA GOOROO - Piassa 6.Caffee Araaraa -sidist kiiloo 7. CAFFEE aannanii - Meksiikoo 8. CALCALLI - Saar-bet 9. DAALATTII - 4-kiiloo 10. DILDILA ADURREE - Inxooxxoo 11. GARBII - Senga-taraa 12. GOLBOO - Ceerqoos 13. GULALLEE BADHAASOO - Qeeraa 14. HURUFA BOOMBII - Jaan-Meedaa 15. QARSAA - Kaasaanchis 16. ADOOLAA - Kibre-Mengist 17. BULEE HORAA - Hagere Maariyaam 18. EJEREE - Addisaalem 19. ROOBAA - Nifaas Silk 20. ADAAMAA - Naaziret 21. CIROO - Asebe Teferi 2.BISHOOFTUU - Debre zeeyit 23.BOTEE-Maqii 24.BAATUU-Ziwaay 25.Amboo-Hagerehiwoot 26.Sabbataa-Alamganaa 27.Hoolotaa-Gannat 28.Walisoo-Gihoon 29.Tulluu eegduu-Menagesha 30.Haroo sabbuu-Alem teferi 31.Roobee-Goobbaa 32.Lammii-Lamii 33.Birbirsa-Geo

SEENAA DURBEE TIGIST MAAMMOO

Image
Seenaa Gabaabaa Gootittii Oromoo Barattuu Tigist Maammoo Simaa     Barattoota Oromoo kan Yuuniversitoota garagaraat osoo karaa nagaan hiriira bahani dhimma abba biyummaa isaanii falmata jiranuu lubbuun isaanii waraana mootummaa Wayyaanen darbite keessaa seenaa gabaabaa barattuu Tigist Maammoo Simaa isiniif qooda.Tigist Abbaa ishee Obbo Maammoo Simaa fi Haadha ishee Aaddee Ayeetuu Maammoo irraa bara 1992 akka lakkoofsa Oromootti  Biyya Oromiyaa Godina Kibba lixa Shawaa Aanaa sadeen Sooddoo Ganda Saaririti jedhamutti dhalattee.Mana barnoota sadarkaa 1ffaa kan barattee 1_8 mana barnoota Calalaqa kan jedhamu miilan deemsa sa’a lama deemte barattee.sadarkaa 2ffaa 9_12 mana barnoota Harbuu Cululleetti baratte.Akkasuma qabxii gaarii fiduun Yuuniversitii  Maddaa Walaabutti waggaa 1ffaa barata osoo jirtuu  FDGf n gaaffii mirgaa baratooti Oromoo Ebla 28,2014 kaasaniin wal qabatee rasaasa diinaan wareega lubbuu saba Oromoof jecdha kafalte. Gootittiin Oromoo Tigist Ma

GOOTA SEENAA MUSXAFAA HUSEEN

Image
Goota Seenaa Jaal Musxafaa Huseen goota Saba isaatif lubbuu deebitee hin argamne kaffale goota seenaa jaarraa 21ffaa kana yaadachaa maatii isaa warra baqattummaa irratti argaman SEENAA MUSXAFAA HUSEEN FII HARMEE SEENAA MUSXAFAA hatattamaan waanuma harkaa qabnuun haa birmannuuf Goota Sabaaf wareegame seenan yoomiyyuu ni yaadata.

Jaal Musxafaa Huseen

Image
Goota Seenaa jaal Musxafaa Huseen goota jaarraa 21ffaa seenaa guddaa hojjate lubbuu isaa deebitee hin argamne saba isaati gummachudhaan kan beekamu goitni kun wareegama saba isaatif kaffale yeroo hunda yaadachaa maatii isaa kan yeroo ammaa baqattummaa irratti argaman atattamaan waan qabnuun itti haa birmannu.waanti guddaan mucaa musxafaa huseen kan erga abbaan isaa wareegamee booda dhalate SEENAA MUSXAFAA HUSEEN yeroo ammaa baqattummaa irratti waan argamaniif atattamaan akka birmannuuf jedha. https://www.gofundme.com/dg8io4 By Akkawaaq Jaalataa

Sirba Harawa Akkawaaq Jaalataa

https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=1392400194185831&id=100002475922779               Wallisaa Akkawaaq Jaalataa

SEENAA GOOTOTAA

Image
BY AKKAWAAQ  JAALATAA SEENAA HAYLAMAARYAAM GAMMADAA (1907-1962) ============================================ Haylamaariyam Gammadaa, abbaasaa Obboo Gammadaa Masqalee fi haadha isaa aadde Ka’ade Addaamuu irraa bara 1907 godina Shawaa Kaabaa aanaa Jiddaa ganda Bogonjoo jedhamutti dhalate. Hayilamaarama Gammadaa Seenaa Haylamaaryaam Gammadaa (1907-1962) Umuriin isaa akkuma barnootaf ga’een gara magaalaa Finfinnee geeffamuun, mana barnoota Daagimaawii Miniliik seenee barnoota akka jalqabu taasifame.Haata’u malee yeroo sanatti Xaaliyaaniin biyya waan weerarteef, barnoota isaa gidduutti kutuun hiriyoota isaa waliin falmii weerartuu Xaaliyanii waliin taasifamaa ture keessatti qooda fudhachuu jalqabe. Yeroo dheeraas osoo hin turin magaaluma Finfinnee keessatti sochii diddaa weerartuu Xaaliyaanii sana gochaa ture irratti qabamuun gara mana hidhaa weerartuu Xaaliyaanii, Somaaliyaa bakka Dananee jedhamutti ergamuun waggaa sadi boodas akka Xaaliyaaniin biyyaa baateen gara F

Tigre

Image
? The Latest: US 'disappointed' Taiwan not at WHO assembly Posted: May 22, 2017 3:44 PM CEST Updated: May 22, 2017 6:16 PM CEST GENEVA (AP) - The Latest on the annual World Health Assembly in Geneva (all times local): 6 p.m. President Donald Trump's top health official says the United States is "disappointed" that Taiwan wasn't invited to the World Health Organization's most important annual meeting. U.S. Secretary of Health and Human Services Tom Price says the U.S. "remains committed that Taiwan should not be excluded from WHO" and will work to enable all countries to help prevent, detect, control and fight outbreaks. Price alluded to the past eight years when Taiwan was invited as an observer to the World Health Assembly, whose 70th edition opened Monday. China has blocked the participation of Taiwan, accusing its year-old government of not accepting the "One China" principle. Price also said the

KEENYUMATU KEENYA

Image
Waa hunda dura Waldaan Dargaggoota Oromiyaa Mineesotaa (the Oromia Youth Association of Minnesota) har’a asiitti  na afeeruu isaaf baayyeen galatoomfadhaa.   Dargaggooti Oromoo kan Oromummaa qaban abdii egeree  Oromiyaa ti.  Har’a dargaggooti akka keesanii, kan Oromummaan dhaabatan,  Oromiyaa mara keesatti ficila diddaa gabrummaa fi sochii bilisummaa finiinisaa jiru.  Barattooti Oromoo Oromiyaa keesaatti bara 2000 lama irraa qabanii haraka quulaa, diina qawwee hidhate dura dhaabbataanii  mirga ummata Oromoo falmaa jiru.  Keessumaa immoo yeroo ammaa nyaphaa fi Oromoota galtuu ta’an Goobanoota aara galfii dhowwachaa jiru.  Baraa 2005 irraa kasaani dhaadannoo  “Gadaan gadaa bilisummaa ti” jeedhu qabatanii waldhaanssoo finiinsaa jiru. Barattooti Oromoo fi sab-boontoti biraan reebamaa, hidhamaa, ajeefamaa wareegama kafalauun dhiga isaaniin  seena Oromoo bareessaa akka jiran ifaa dha. Murnoota hawaasa Oromoo hafaniifis fakkeenya gaarii taa’aa jiru. Ijjolleen Oromoo kan bilisummaa
Image
Barattootni keenya kanneen bu’aa ba’iifi gaaga’ama guddaa keessa dabartanii qorumsa bara kanaa (2017) fudhachuuf qophiitti jirtan baga ittiin isni ga’e. Carraa gaariifi milkii qabeessa isniif hawwina. Egaa Barattootni Oromoo manneen barnootaa garaagaraa guutummaa Oromiyaa keessa jiran keessaa dhiibbaa mootummaa wayyaaneetiin barnoota isaanii irraa ari’amaa, hidhamaafi hiraarfamaa, ajjeefamaa, biyyaa baqachaa jiraachuun ummata Oromoo maraaf ifaadha. Mootummaan wayyaanee manneen barnootaa bakka qubsuma waraanaa godhachuudhaan barattoota keenyarratti miidhaa qamaafi qor-qalbii geessisaa akka tureefi ittijiru eenyumaafuu ifaadha. Haata’u malee, kanneen gochaa sukkaneessaa mootummaa abbaa irree wayyaanee kanarraa hafuun qorumsaaf qophaa’aa jirtan yeroon isin qabdan gabaabduu waan taateef yaadaafi qalbii keessan garuma barnootaafi qorumsa keessanirra taasiftanii akka milkiidhaan xumurtan nidhaamna. Bifuma kanaan; Qorumsi Kutaa 10ffaa Waxabajjii 1,2017 (Caamsaa 24,2009 ALH)fi Qorumsi